Gumiin Mirga Dhala Namaa Itiyoopiyaa Ajjeechaa fi Dararaa Oromiyaa Irratti Ibsa Baase

  • Jaallannee Gammadaa

Loogoo Gumii Mirga Dhala Namaa Itiyoophiyaa

Gumiin mirga dhala namaa Itiyoopiyaa ISEMEGUn gabaasa baaseen hiriira Oromiyaa keessatti geggeessameen baatilee sadi keessatti namoota 100 ol du’anii kanneen 40 ol ta’an madaa’anii hedduun hidhamuu isaa beeksisuu dhaan mootummaanis haala kana qaama walabaan akka qorachiisu gaafate.

ISEMEGUn kana kan beeksise ibsa addaa 140 jedhee har’a baaseen ture. Aanaalee Oromiyaa 342 gidduu dhaa 33 qofaa keessatti qorannaa geggeessuu isaa ibseera.

Qorannaan kunis Sadaasa 2 bara 2008 qabee hanga Guraandhala 12 bara 2008 gidduutti dhiittaa mirga namaa dhaqqaban ta’uu ibsee jira.

Baatilee kana keessa egaa lammiiwwan biyyattii 108 ta’an humnootii mootummaan kan ajjeefaman jedha ISEMEGUn. Kanneen ajjeefaman jedhe kana keessaa suraa namoota 35 gabaasa isaatti qabsiisee jira. Kanneen rasaasaan dha’amanii miidhaan hamaan irra ga’e maqaa namoota 57 tarreessee suraawwan ko waliin qopheesse.

Kurna hedduutti kan laka’aman immoo dararaa fi reebichi kan irratti geggeeffame hidhaa keessatti hiraarsamaa kan jiran, eessa buuteen isaanii kan dhabamee fi miidhaan adda addaa kan irra ga’e ibsa kana irratti tarreeffameera.

Your browser doesn’t support HTML5

Gutummaa gabaasa kana dhageeffadha.