Barreessaa Muummeen Mootummoota Gamtoomanii Walii-galtee Dhukaasa Dhaabinsaa Tigiraay Keessaa Dinqsiifatan

  • VOA

Barreessaa Muummichi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guterees (Bitaa) fi Hogganaa Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahamat (Mirga) Wajjira Muummee Gamtaa Afrikaa keessatti, Finfinnee, Adoolessa 9, 2018

Barreessaan Muummichi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guterees Itoophiyaa keessatti erga waraanni oggaa lama dura ka’ee yeroo duraatiif dawwannaa biyyattiitti godhaniin murtee dhukaasa dhaabuu Tigraay keessatti godhame jejaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Barreessaa Muummeen Mootummoota Gamtoomanii Walii-galtee Dhukaasa Dhaabinsaa Tigiraay Keessaa Dinqsiifatan

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii “qarqaarsa namoommaa akkaan barbaachisaa” ta’e jedhan guutuuf sochiiisaa jabeessaa jira, jedhan.

Guterres Komishinara Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahamat wajjiin Kamisa Kaleesa ibsa kennan irratti walii-galtee dhukaasa dhaabuu ji’a darbe mallatteeffame hordofuun hawaasni addunyaa Itoophiyaa akka deeggaran waamicha dhiyeessaniiru.

Ministeerri Maallaqaa Itiyoophiyaa waldhabdee oggoota lamaa keessatti miidhaa bu’uuraalee misoomaarra gahe deebisanii ijaaruuf doolaara biiliyoona 20 akka baasu ibsee. Garuu yaaddoo dhiittaa mirga namoommaatiin walqabatee - Ameerikaadhaf Gamtaa Awurooppaa dabalatee arjoomtonni deeggarsa - gumaacha addaan cite ammallee hin jalqabne.