Guyyaa Gaadaafiin Aangoo Irra Itti Turu Qubaan Lakka'ama

Prezidaantiin Libiyaa Moammar Gaadaafii dhiibbaa guddaa jala jiru kan jedhan seera tumtoonni yunaaytiid steetes, guyyaan aangoo irraa itti turaniis qubaan laka'ama jedhu.

Wal-waraansa jabaa guyyoota hedduuf gaggeeffame booda,humnoonni Moammar Gaadaafii magaalaa Bireegaa gad-lakkisanii jiru.Guyyoota haga tokko dura, finciiltonni magaalattii qabachuu isaanii labsanii turan.

Mana-maree murtii seeraa Yunaaytiid steetes keessatti itti aanaa hogganaa paartii sagalee yayyabaa kan ta'an senatarri Dimookraatotaa Richaard Durbiin Televiziyoona NBCf ibsa kennaniin, danqaalee hedduun finciltoota mudatee iyyu prezidaant Gaadaafiin dhiibbaa jabaa jala galuu isaanii dubbatan.

Bakka bu'aan uummataa, paartii Ripaablikanootaa kan koree tika nagaa dhaabbataaf filataman Maayiik Roojeers sagantaa dhuma Televiiziyoona sanaa irratti dhihaatanii waraana mootummaa irraa gara kuma tokkoo tahan ganuun finciiltootatti galuun , duula Gaadaafii irratti gaggeefamu gargaara jedhan.

MP3 tuquun gabaasa guutuu dhaggefadhaa