Haala Fayyaa Nama Siyaasaa Raashiyaa Lagannaa Nyaataa Irra Jiruu, Alekseey Navalii

  • VOA

Alekseey Navalnii

Aangawoonni Mana-hidhaa Raashiyaa, kan nyaata lagachuun mormiitti jiru, mormituun siyaasaa biyyattii Aekseey Navalnii, gara Hospitaala mana-hidhaatti dabarsamuu dubbatanii jiran.

“Yeroo ammaa kanatti haalli fayyaa Navalnii gaarii dha. Guyyaa guyyaatti haakima fayyaan ilaalama. Waliigaltee isaatiin vaayitaaminiidhaan wal’aanamaa jira.” jechuun, Tajaajilli Mana-hidhaa ibsa baase keessatti himee jira.

Deggertoonni Naavaalnii waa’ee hospitaala mana-hidhaatti dabarsamuu isaa, ammaaf himaa hin dubbanne.

Michuun Navaanii tokko garuu, har’a ganama, waa’ee fayyummaa isaa oduu gaarii dhaga’aa hin jirru, jechuudhaan akeekkachiisanii turan.