Mooraa Hammaareessaa Keessatti Lubbuun Namootaa Darbuuf Konkoolaatawwan Sababaa Ta’an Eeenyuutu Bobbaase?

  • Jaallannee Gammadaa

Dilbata Guraandhala 11 bara 2018 kokolaattonni midhaan fe’an mooraa Hamaarreessa keessa yeroo seenanti kanneen mooraa sana keessa jiraatan gargaarasatu nu dhufee jechuun simachuuf ba’anii kan isaan eeggatee haleellaa rasaasaa ta’u dubbatan.Eenyu akka kokolaataan fe’umsaa torban akk mooraa sana seenan akka godhe qoratamaa jira.

Humnii mootummaa gargaarsii kun isinif miti jechuun ittisuuf dhukaasa banuu isaa fi namoota 7 ajjesee kanneen 25 ta;an madeessuu dubbatan.Hedduu amma iyyu mada’anii ooyruu Jimaa fi suqa suuqa keessaa barbaadamaa akka jiran dubbatanii jiran. Dhukaasa banamee dheessuun kanneen fiiganii mooraa sana keessaa dheessan guutummaatti ituu hin deebi’iin akka jiran kanneen ajjefaman keessaa tokko Polisii Oromiyaa akka ta’e warra madaa’ee keessaas polisiin Oromiyaa tokko akka jiru ibsamee jira.

Bulchiinsii Godiina Hararage Bahaa qorannaan gaggeeffamaa waan jiruuf ibsa bal’inaan kennuu akka hin feene ibsee namnii torba ajjefamanii kudha tokko madaa’uu ibsan.Garu dhalli namaa tokko iyyu du’uun sirrii akka hin taaneefi qoratamee yeroo xumuuramuu ifa ta’uuf akka jiru ibsee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu armaan gaditti caqasaa