Hawaasii Oromoo ijjeechaa Hacaaluu Hundeessaa,hidhamuu Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa fi aktivistota isaatif Amerikaatti hiriiratti jira

Hiriira mormii Oromoo MN Waxabajjii 1,2020

Your browser doesn’t support HTML5

Oromoon Amerikaa ijjeechaa Hacaaluu Hundeessaa,hidhamuu Jawaar Mohaammadii fi haayyota isaatiif hiriira mormiitti jira


Artistii Hacaaluun Hundeessaa Waxabajjii 25 Finfinneetti galaafatan. Sunitti aansee Jawaar Mohaammad,Baqqalee Garbaa fi hedduutti waliin hidhame.

Akka OMN gabaasetti itti aansee istuudiyoon isaanii Finfinnee cufan,achii ammoo Hamzaaa Booranaa,Girmaa Guutamaa fi nama hedduutti hidhame.

Amerikaa fi Awurooppaa keessallee hiriira mormii hedduu deemuutti jira. Warrii DC,MD,fi VA Ministirii Haajaa Alaa Amerikaatti DC jiru duratti bahee akkoo himate.

Minisootaa,achitti ammoo qonsilaa Itoophiyaa St.Paul durattii fi "haqa barbaada baanna,dhugaa barbaada,"jechaa achumaan bulchiinsa magaallan MN fi St.Paul duralleetit bahan jedha Abdurqaadir Duube.

Hiriira mormii Oromoo USA Waxabajjii 1,2020

Gootin keenya,Hachaaluu Hundeessaa wareegamuu isaatiin,goototin keenya Jawaar Mohaammad,Baqqalaa Garbaa fi namoonni baa'een hidhamuu isaanii dhageessifachuuf baane,jette Gennet Gurmeessaa.

“Hidhaa fi ajjeechaan akka dhaabatan manneen qotee bulaa gubuunis nurraa akka dhaabatu barbaadna."

Hiriira mormii Oromoo,MN,Waxabajjii 1,2020

Iftuu Kebbedee warra MInistera Haajaa Alaa Amerikaa duratit hiriira bahe keessaa tokko. "Biyyii sun wanti tasgabbaahuun irra jiraatuuf asi dhufe.Laftii keennas nuhis rakkinnii nu gahe,”jette.

"Jawaar Mohaammad,Beqqelee Garbaa,Hamzaa Booranaa fi hooggantoonnaa fi qaroon Oromoo hedduun hidhamaniiru,”kana himachuuf dhufe jedhe Abdurqadir Duubee.

Amerikaa alatti biyya hedduu keessalleetti hawaasii Oromoo hiriira mormii akkanaa yaamee "qaroo,aktivistootaa fi abbootii qabsoo isaaf falmachuutti jira" jedha warrii hiriira bahe.