Yaada Tokko Irratti Walta’uun Wareegama Gaafata.

  • Namoo Daandii

Bara 2009 fi 2010 kitaaboota Afaan Oromoon maxxansamanii bahan keessaa lama: "Qabsoon Oromoo Eessaa Karam" kan jedhu Obbo Asnaaqee Irkoon akkasumas, "Fixeensa" asoosomni jedhamu Obbo Boruu Barraaqaan barreefaman.

Kitaabonni lameenuu wal dhibdee dhaaboota siyaasaa Oromoo fi hawaasa siyaasaa oromoo giddu jiru irratti fulleeffatan. "Araara buusuuf gamni wal dhabe hundinuu fedhii qabaachuu akkasumas maaliif araarri akka barbaachise dursanii hubachuun barbaachisaa dha" jedhu, barreessitoonni lameen.

Araara fiduuf yaalii ta’u keessatti fedhii dhuunfaa ykn garee ofii qofa dhibbaa-dhibbatti guttachuuf otoo hin taanee gara yaada giddu-galeessa ta’eetti butachuuf of-kennuu gaafata, akka jecha isaaniitti. Akka nama dhunfaatti araara buusuun salphaa ta’uu mala garuu, akka itti gaafatamaa maatii,hawaasaa ykn dhaabaatti araara buusuun garuu daran fagessanii ilaaluu barbaachisa; wareegama inni gaafatuus jabaadha, yaada jedhu qabu Obbo Asnaaqee fi Obbo Boruun.

Haala wal-dhibdee qabsoo Oromoo keessaa attamiin akka ilaalan lameenuu kitaaboota isaanii keessatti kan baressan dubbatanii jiran.MP3 tuquun dhaggefadhaa.