Hiriira Afriikaa Kibbaa: Baqattoota Hiraarsuun Haa Dhaabatu

  • Tuujubee Horaa

Hiriira Mormii Oromoonni Afrikaa Kibbaa Jiraatan Geggessan, Guraandhala 1, 2016

Lammiiwwan Oromoo Afriikaa Kibbaa keessa jiran waajjira dhaaba baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa/UNHCR/ PIritooriyaa jiru fuulleetti har’a hiriira naga geggeessanii jiran.

Gaaffiin isaaniis Mootummaan Itiyoopiyaa hidhaa fi ajjeechaa lammiiwwan Oromoo irratti raawwataa jiru akka dhaabu akkasumas mootummootaa naannoo jiran waliin ta’uu dhaan baqattoota biyyoota hollaatti baqatan biyyatti akka deebi’an dirqisiisuu akka dhaabu gaafanna ka jedhu.

Jaarmayaan baqattootaa kan Tokkummaa mootummootaa qaama tokkummaa mootummootaa waan ta’eef jecha gargaarsa addunyaan mootummaa Itiyoopiyaaf godhu akka dhaabu dhiibbaa akka godhu gaafanna kan jedhan lammiiwwan Oromoo Afriikaa Kibbaa keessasa nutis bakka jirrutti uummata keenyaaf sagalee ta’uuf jennee hiriira kana bane jedhan.

Xalayaa keenyas itti gaafatamaan waajjira jaarmayaa baqattootaa kan damee
Afriikaa kibbaa nu harkaa fuuchuu dhaan himannaa keenya qaama ilaallatutti ni dabarsinaa rakkoo baqattoonni qaban irratti hojjechuuf isin waliin illee ni hojjenna jechuu isaanii nuuf ibsaniiru.

Qindeessitoota hiriira kanaa keessaa tokko kan ta’aniif barreessaa hawaasa Oromoo.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutun kunooti