Hogganoonni Biyyoota Afrikaa Finfinnee Keessatti Gaggeesuuf Jiru

  • VOA

FAAYILII - Hoggantoota biyyootaa Afrikaa yaa'ii Gamtaa Afrikaa 32ffaa irratti hirmaatan, Guraandhala 10, 2019

Waggootii dabran sadiif sababa weerara dhukkuuba KOOVIIDf jecha addaan citee eega turee booda.

Hogganoonni Afrikaa walgahii isaanii qaamaan argamuun gaggeessuuf isa jalqabaa Finfinnee keessatti akka ta’u murteessan.

Dubbii himaan ministrii haajaa alaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Dinaa Muftii Raadiyoo Sagalee Amerikaaf akka ibsanti, murtiin hogganoota Afrikaa kun Itiyoophiyaaf injifannoo diplomaasii fi dinagdee ti jedhan.Biyyonni hangii tokko lammiwwan isaanii Itiyoophiyaa keessa jiraniif akeekkachiisa nageenyaa kennaa fi biyyatti gadhiisanii akka ba’an gorsuu yeroo itti fufanii jiranti murtiin hogganoota Afrikaa kun dhaga’amee jedhan.

Murtiin kun Itiyoophiyaaf injifannoo gama diploomaasii fi qunnamtii uummataatii kan jedhan xiinxaltonni hogganoonni Afrikaa haala nageenyaa fi siyaasa Itiyoophitaa keessaa sabaa himaa addunyaa beebbekamoo caalaa hubannaa akka qaban agarsiisa jedhan.

Kana malees hogganoonni Afrikaa Itiyoophiyaa waliin tokkummaa qaban calaqqisaa kaneen jedhans ni jiran.