Hongee Hamaan Beeladaalee Keenya Fixe Jedhu Uummati Naannoo Booranaa

  • VOA

Oromiyaa Zoonii Boranaa keessa kanneen jiraatan uummanni miliyoona 1.2tti hedaman walakkaan isaanii gargaarsaan jiraachuuf dirqamaniiru.

Naannoo sanatti roobi erga roobee waggoota lama ta’ee jira. Aanaa Moyaalee keessatti kan argamtu gandi Tuqaa ganda gargaarsi midhaan nyaataa keessatti raabsamu keessaa tokko.

Beeladaaleen waan duraa dhumaniif ijoolleen aannan duraan argataa turan dhabanii qaammi isaanii miidhamaa jiru jechuu dhaan jiraattonni naannoo sanaa yaaddoon dubbatu.
Gargaarsi mootummaan nuuf kennus xiqqoo waan ta’eef maatii keenya mara nyaachisuu hin dandeenyu rakkoo guddaa keessa jirra jedhu jiraattonni. Beeladaaleen hongeen miidhamanii du’an lafeen isaanii bakkaa bakkatti tamsa’ee aduun goggosuu isaas kan hojiif gamasitti imale ture waahilli Keenya Heenok SemaIgzeer gabaaseera.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dha