Horro-Guduruu Wallaggaa, Aanaa Guduruu Keessatti Lafa Horsiisa Loonii Mootummaatti Ibiddi Qabachuu Dubbatu Jiraattonnii fi Aangawaan Nageenyaa

  • Namoo Daandii

Hiriira Mormii Oromiyaa

Mormiin Oroamiyaa keessaa bifa adda addaatiiin itti fufuu isaa fi tarkaanfiin humnoota mootummaatiin fudhatamu, du’uu, madaa’uu, hidhamuu fi dhabamuu namoota hedduuf sababaa tahe, jechuun dubbatu – jiraattonni Godinaalee adda addaa irraa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennan. Kamisa dabre irraa jalqabee, Godinaa Horroo Goduruu Wallaggaa, aanaa Guduruu keessatti barattoonnii fi jiraattonni hiriira geggeessuu isaanii fi humnoonni poolisii kora-bittimmeessaa Oromiyaa fi humnoonni waraana federaalaa tarkaanfii achii booda fudhataniin namoonni hedduun madaa’uu dubbatu.

Gaaffiin uummataa “Maaster Pilaaniin Finfinnee ifatti labsiin haa haqamu! Obbo Beqqelee Garbaa fi Dajanee Xaafaa dabalee namoonni hidhaman haa hiikaman! Mootummaan Cehumsaa nuuf haa hundeeffamu!” kanneen jedhanii fi ka biroo tahuu ka dubbatan, jiraattonni aanaa Guduruu, Kamisa ennaa barattoonni hiriira mormii ba’anitti mooraan buufata poolisii kora bittimmeessaa gubachuu isaa illee dubbatu.

“Beg Irbaataa” ka jedhamu – lafa horsiisa horii, mootummaan Yunivarsitii Wallaggaaf kennes ibiddaan gubachuu dubbatanii jiran. Mormii kanaan wal-qabatee, namoonni Siisaay Dessaalenyi Amsaaluu fi Haacaaluu Dessaalenyi Mulugeetaa jedhaman bakka Jimaatee jedhamutti rasaasaa waraana federaalaan dhawamanii madaa’uu isaanii fi Caalaa Darrabuu fi Tegenyi Amsaaluu kanneen jedhaman immoo magaalaa Shuuxee keessatti saanjaan waraanaman, jedhu.

Hoogganaan dhimma nageenyaa aanichaa , Haacaaluu Batoo, himannaa jiraattotaa kanaaf akka deebii kennan gaafatamanii, “kashalabboonni lafa qonnaa mootummaa gubuu fi uummatni itti yaa’ee dhaamsuu malee, hiriira mormii geggeessames namoota madaawan” jedhaman kanas waanan qulqulleeffadhee beekun hin qabu, jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa