‘Humni Liyyuu Hayil Mooyyaleetti Nama 2 Ajjeesee, Damee Waajjira Gumruukaa Mooyyalee jirurraanis balaa geessise’ – Godina Booranaa

Humni Liyyuu Hayil ka Naannoo Somaalee Itiyoophiyaa kaleessa Mooyyaleetti namoota lama ajjeesee, Damee Gumruuka Itiyoophiyaa Magaalattii keessa jirurraan balaa geessise. Bulchaan Godina Booranaa Obbo Dheengee Waaqoo Raadiyoo VOA’f, Kellaa Mooyyaleetti dhiyaatee ka jiru manni Kuusaa Gumruukaa Saamamuu fi Konkolaatawwan dallaa keessa turan 9 ol gubachuu himaniiru.

Waajjirri Dhimma Nageenyaa Aanaa Mooyyalees ammas kaleessa humni liyyuu hayil Mooyyalee bakka Caamuq jedhamutti harras balaa geessisuu beeksiseera.

Galmoo Daawit’ gabaasa itti aanu qindeesseera.

Your browser doesn’t support HTML5

‘Humni Liyyuu Hayil Mooyyaleetti Nama 2 Ajjeesee, Damee Waajjira Gumruukaa Mooyyalee jirurraanis balaa geessise’ – Godina Booranaa

Gabaasaaleen kanaan duraa dhimma Mooyyalee irratti dhihaatan kinoo.