KFOn "Mootummaan Waloo Dhaabbatee Waggaa Tokko Keessatti Filannoon Dhugaa Haa Geggeeffamu," Waamicha Jedhu Dhiheesse 

Faayilii - Dr. Mararaa Guddinaa

Paartiin Kongirasii Federalistii Oromoo, KFOn Ibsa kaleessa baaseen, Itiyoophiyaa keessatti mootummaan waloo yokaan walitti-dhufeenyaa akka hundeeffamu gaafatee, itti aansee "filannoon dhugaan waggaa tokko keessatti haa geggeeffamu” jedhe.

Dura-taa’aan Paartii KFO, Piroofesar Mararaa Guddinaa, “Mariin biyyaalessaa qaamolee hundam hirmaachise jalqabamuu qaba” jechuun Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himan.

Itti gaafatamaan sab-Quunnamtii Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aa immoo, “Ibsi KFO’n baase uummata bal’aa arrabsuu fakkaata” erga jedhan booda, “Mariin geggeeffamaa ture, ammas ni geggeeffama, filannoon irra deebiin geggeeffamu hin jiru,” jechuun deebisan.

KFO’n "Filannoo Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa geggeesse ka fudhatama qabu miti" ka jedhe ilaalchisee, Boordicharraa deebii argachuuf yaalii gochaa jirra.

Your browser doesn’t support HTML5

KFOn "Mootummaan Waloo Dhaabbatee Waggaa Tokko Keessatti Filannoon Dhugaa Haa Geggeeffamu," Waamicha Jedhu Dhiheesse