Bara 1963 keessa lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Afiikaa qixummaan isaanii akka kabajamu gaafachuuf jecha uummata kurna kumaan laka’amantu Washington DC keessatti hiriira nagaa guddaa geggeessan.
Hagaya 28 bara 1963 hiriira guddaa geggeeffame kana irratti uummati argame ni moonaa, guyyaa tokko ni injifanna jedhanii harka wal qabatanii faaruu dhageessisaaa turan.
Qabsaa’aa mirga namaa fi hoogganaa hiriira sanaa kan ta’an Martin Luther king jamaa alitti qabameef haasaa seena qabeessa kan abjuun qaba” I have a dream” jedhu dhageessisan.
Guyyaan guyyaa sirni kakuu presidentii itti raawwatu kun guyya presidentiin hojii itti eegalu. Presidentichi akka filatamaniif sagalee kan kennes haa ta’u kan hin kennin presidentiin filatame kan biyya hoogganu isa kana jechuu dhaan mul’inatti guyyaa itti
simatu.