Inistiyuutii Qorannoo Qonna Oromiyaa Irraa Bu’aa Hagam Argachuutti Jirtan? Akka Daarekterii Isii Jedhetti Barana Sanyii Midhaanii 24 Baasan

Inistiyuutiin Qorannoo Qonna Oromiyaa,IQQO barana qofa sanyii midhaanii 24 baafte

Your browser doesn’t support HTML5

Inistiyuutiin Qorannoo Qonna Oromiyaa barana "sanyii haaraa 24 baafte"

Inistiyuutiin Qorannoo Qonna Oromiyaa(IQQO) jireeenna warra qonnaa fi warra horii wayyeessuuf akka henna Habashaatti bara 1997 keessa yayyaban.

IQQO waan torba qoratti; midhaan bonaa fi waan hedduu dandamtaa,sanyii horii qoortii badii dhowwuu,qabeenna uumamaa fi teknooloojii qoratanii qonnaan bulaa malkaa dabarsuuf qoratan.

IQQO damee qorannoo 17 qabdi;Baakkoo, Jimma,Asallaa,Sinaanaa,Adaamii-Tulluu, Fadis,Yaaballo,Booree,Machaaraa,Haroo Sibuu,Fichee,Ziwaay,,Naqamtee fi Baddallee.

Akka itti aanaan daarektera, Inistiyuutii tanaa Dr.,Asaffaa Taa’aa jedhetti barana bajata birrii miliyoona 1.8 hujiitti jiran.

“Dhaadannoon’ keenna qotee bulaan ykn gandii tokko qorannoo ala teknooloojii ala akka hin taane hojjachuudha.”

Jiraattotii Yaaballoo fkn IQQO lafa bal’oo fudhatanii taa’uu malee hujiin isaanii guddoo hin mullatu.Warrii hujii dhufu hagii guddaan carraa barnootaa argachuuf qaxarama ganna lama hojjatee barumsaaf jedhee yaa’a dameen qorannoo bajata gahaa hin qabduu,baaddiyaa keessa yaa’anii hojjachuuf makiinaan hin jiruu fi waan hedduun himata.

Rakkoon Oromiyaa fulaa akka akkaatti dhageennuu ammo IQQO yoo hujii nama qaxaruuf beessisa baasan Finfinneetti gaazexaa irratti baasan ijoolleen baaddiyaa jiran ammoo naannuma ufiitti dorgomuuf hujii baate arguu hin dandahan fi kkf himata.

Akka Dr Asaffaan jedhetti ammoo hujii baasan asii achii naannuma cufa keessatti maxxansan.

“Dhugumaa qorannoon horii guddaa feeti garuu woma qamnuun hujiitti jirra.Namii nu bira dhufee qaxaramu ka ummataaf faayidaa buusuuf dhufu tahuu qabaa” jedhee waan hedduun qajeelchuutti akka jiran nutti hime.

Hujii gugurdoo IQQO hojjadhe jedhu keessaa jabduun ta baddaa Baalee keessatti hojjatan.

IQQO barana qofa sanyii midhaanii 24 baaste.Sanyii tana ammaaf maqaa himu baatanillee sanyii qonnaan bulaan malkaan dabruu dandahu “hojjane” jedhe.

Yoo hedduu sanyii Qamadii fi garbuu bonaa fi ganna dandamachuu dandeettu karaa saayinsiitiin qoratanii baasan.

IQQO akka Dr., Asaffaan jedhutti Itoophiyaafuu hujii dansaa hojjachuun fakkeennaan himan.

Somaalee fi naannoo Affaar keessalleetti jireenna qotee bulaa wayyeessuuf hojjatan.

“Hojjataa ufi kennee hojjatu feena,” jedha itti aanaan daarektera IQQO,Dr Asaffaa Taa’aa.