Israa’el Iraan keessaatti haleellaa qilleensaa raawwachuun Gabaafame

  • VOA

Nama mootr saayikilii yaabbatee bilboordii misaa'eloota balistikii Iraan Tehran keessatti tajaajila kennaa jiran agarsiisu bira daru, Ebla 19, 2024

Israa’el Jimaata harraa Iraan keessaatti haleellaa qilleensaa raawwachuu ishii miidiyaaleen Ameerikaa qondaaltota Israa’elii fi Yunaaytid Isteets maqaan isaanii hin ibsamne wabeeffachuun gabaasan.

Haleellan halkan darbe raawwatame kun haleellaa haaloo bahuu dhiheenya kana biyyoota lamaan edduutti raawwatame ta'us, Tehran garuu waan kana xiqqeessitee, deebii kennuudhaaf karoora akka hin qabne ibsiteetti.