Itiyoophiyaa Keessatti Jijjiramni Hedduun Akkuma Jiru Danqaan Mudachuu Ibsamee Jira:

  • VOA

EPRDF

Koreen Hoji-raaw’achiistuu ADWUI walga’ii isaa Idilee guyyoota afuriif geggeesse haala yeroo ammaa biyyattii keessa jiru gamaaggamuu dhaan har’a xumuramee jira.

Waajira ADWUI -tti Qindeessan Paartiilee Siyaasaa Waldaalee Siivilii fi Paartiilee tumsitotoaa – Obbo Fiqaaduu Tasammaa waa’ee walga’ii kanaa ennaa ibsan haala qabatamaa biyyatti keessaa kutaa sadiitti qoduun mari’ate jedhu.

Isaanis jijjirama biyyattii keessatti argaman, jabinaa fi laafina jiru akkasumas kallattii gara fuula duraa ta’u ibsan. Paartilee arfan paartii biyya bulchuu ADWUI uuman gidduu shakkii fi addaan qodamiinsi yaadaa hogganoota gidduu kan irratti mari’atame keessaa ta’uun ibsameera.

Kanneen jijjirama argame tumsan akkuma jiran kan duubatti deebisuuf tokkummaa biyyatti diiguuf kan hojjatan akka jiran kan ibsame yoo ta’u warri akkasii gocha isaanii irraa akka of-qusatan gaafatee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu caqasaa