Itiyoophiyaa Keessatti Tajaajiila Bilbila Harkaa (Mobile)f Gatiin Baafamu Gad Cabee Jira


Koorporeeshinii Teleekomunikeeshinii Itiyoophiyaan bakka kan bu'e Itiyoo-Teleekoom tajaajiila Intarneetii fi bilbila harkaaf gatii baafamaa ture gad cabsuu irratti hojjataa kan jiru ta'u hojii gaggeessaan kaampaanichaa, lammiin faransaayii ibsanii jiru.

Kanumaa wajjin wal qabatee, gatiin kaardii siimii kan telefoona harkaaf itti gargaaraman kan ammaan dura qarshii 85 ture amma gara qarshii 60ti gad bu'uun ibsamee jira.

Kana malees humna Giigaa Baayitii kan ammaan dura lama ture irrattis kan biraa dabalamuun ibsamee jira.Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa.