Ittisi Jal’isii Gidaaboo Eebbifame

  • VOA

Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed Oromiyaa fi zoonii kibba Oromiyaa gidduutti kan ijaarame projektii ittisa jal’isii Gidaaboo kaleessa eebbisanii jiran.

Projektichi hangafaa fi quxisuu kan ta’an Oromoo Gujii fi uummata Sidaamaa kan walitti fiduu dha jedhan.

Mootummaan tokkummaa uummattoota Itiyoophiyaa kan cimsu projektiiwwan akkasii hojjechuuf fedhii kan qabu ta’uu illee beeksisaniiru.

Biyyattii keessatti ijaaramaa kan jiran projektiiwwan jal’isii ogeessota biyyattiin kan ijaaraman ta’uu isaanii fi laftii fi bishaan nuti qabnu qofaa utuu hin taane kana wal simsiisee sammuu itti fayyadamuu danda’u uumuun kennaa guddaa dha, utuu nu hin darbin harka keenya kan jirtutti fayyadamuu qabna jedhan.

Uummati Itiyoophiyaa atakaaroon isa nuffisiiseera kan jedhan muummichi ministeerichaa amma kan inni barbaadu nagaa, hojjetee galuu fi misooma jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu caqasaa