Jimmatti Dukkubni Akka Tasaa Hawaasa Qubattootaaitti Seene Lubbuu Galaafate

JImmaa

Namoonni buufata qubattootaa magaalaa Jimmaa keessa jiraatan hagi tokko dhibee akka tasaa torban tokkoo as mudateen namoonni jaha isaan keessaa du’uu dubbatu.

Itti gaafatamaan Waajjira Dhimmoota Komunikeeshinii bulchiisa magaalichaa dhibeen gifiraa akka ka’e dubbatanii, “Namni dhibee kanaan du’e daa’ma tokko qofa” Jedhu. Buqqaatota kana deebisanii dhaabuuf qaama dhimmi ilaallatu waliin akka hojjetaa jiranillee dubbatu.

Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaas dhibeen Gifiraa mul’ate akka hin babal’anne akka garee tokko achi ergaa jiran dubbatanii, “Namoota mallattoon dhibee gifiraa irratti mullate 50 tahan keessaa 30ni yaalamanii manatti deebi’aniiru, 20 yaalamuu irra jiru,” jedha.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutu caqasaa