Ministirri Haajaa Alaa Yunaaytid Isteets Gochi Aysiis Duguuggaa Sanyiiti Jedhe

Joon Keeriin harra dhimma Aysiis irratti gazexeesitootaf ibsa oggaa kennan. , Ministera Haajaa Allaa Yunaaytid Isteets, Bitooteessa 17, 2016

Ministirri Haajaa Allaa Yunaaytid Isteets, Joon Keeriin ibsa harra kenneen gochi garee Aysiis (ISIS) gocha duguuggaa sanyiiti jedheera.

Keeriin, Itti dabaluudhaanis, gareen kun yakka duguuggaa sanyii fi namoomaa irratti hojateef itti gaafatama jedhe, murtii kanarra han gahees hojii basaasaa Ministirri Haajaa Alla Yunaaytid Isteets fi dhabbonni kaan hojjatan irrattti hundahee ta’uu isa beeksise. ISIS ajjeechaa, dirqiidhan gudeeduu fi amantaa namaa irratti hundaahudhan namoota bayyinaan fixuu isaas tarreesera.

Koongiresiin biyyitti, bulchiinsi Obaamaa hojii sukkaneessaa Aysiis amantii fi saba adda addaa irratti Iraaqii fi Siiriyaa keessatti gochaa jiru irratti dhaaba qabuu akka beeksiisu guyyaan harraa dhuma ture. Ibsii Keerii kunis san dhaqqabsiisera.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasni sagalee kunooti.

Your browser doesn’t support HTML5

Joon Keeriin Gochi Aysiis (IS) Hojii Duguuggaa Sanyiiti Jedhe