Kaabineen Eertraa Wal Ga’ii Geggeeffate

Kaabinee Eertraa

Ministeroonni kaabinee Eertraa har’a wal ga’ii geggeessaniin Itiyoophiyaa fi Eertraa gidduutti walii galtee nageenyaa seena qabeessa irra ga’ametti aansuu dhaan haala biyyattii keesatti mul’ataa jiru irratti mari’atee jira.

Ministeerri odeeffannoo Eertraa Yemaanee Gebra Masqal fuula twitter isaanii irratti akka barreessanitti ministeeronni kun walii galtee nageenyaa santti aansuu dhaan naannoo keessatti jalqabamaa kan jiru michummaa naannoo fi haala walii gala irratti mari’ateera jedhan.

Wal ga’ii sana kan hoogganan prezidaantii biyyattii Isaayas Afawarqii akka jedhanitti kaabineen sun haala siyaasa nannoo kan yeroo ammaa, walumaa gala imaammata walii galtee naannoo kan gamaaggame yoo ta’u, hojii irra oolchuuf tarkaanfii hatattamaa fudhatamuun irra jiraatu illee ibsaniiru.