Kaameruun Keessatti Hiriirri Haleellaa Raawwatamaa Jiru Balaaleffatu Geggeeffame

  • VOA

FAAYILII - Kutaa biyyatti namoonni afaan Ingilizii dubbatan keessa baayyatan Kibba Lixa magaala guddoo Bu'eyatti argamtu, Onk. 3, 2018

Kaameruun keessatti mannoottan baruumsaa, waldaalee amantaa fi jarmiyaalee fayya irratti haleellaa raawwatamaa jiruu balaaleffachuudhaan lammiileen biyyatii hiriiraa mormii taasisuun isaanii ibsameeraa.

Hiriirri mormii kun kan taasifamee baha biyyatti naanno gurmuun riphee loltootaa fi umnoottan mootummaa walwaraasa irra jiran magaala Maamfee keessatti Waxabajjii 8 egaa hospitaalli guddaan abdidaan gubatee booda. Akka tamsaasini televijiinii mootummaa biyyatti jedhetti hiriirrii mormii kan qindaa’ee hoggantootaa hawaasaatiin.

Haleellaa hospitaala irratti raawwatee kana ilaalchisee jiraataan Magaala Maamfee Daani’eel Mbangee, "namoonni jaarmiyaa hawaasa bal’aa fayyadu irratti haleellaa raawwachuun isaanii waan baayyee…baayee nama gaddisiisuudha. Lafa kana irratti eenyutu hospitaalaa dubartootaa, daa’iman, dhiiraafii jaartolii tajaajilu barbadeesuudhaaf yaaluu danda’a,> jechuudhaan dubbatan.

Akka gabaasinni dhaabbata mootumoota gamtoomanii jedhutti, ergaa gareen riphee loltootaa lixa kaameruun bara 2017 lola jalqabee as , wal waraansaa umnoottan mootummaa waliin taasifamaa jiruun namoonni 3,300 ta’an du’anii, namoonii 750,000 ol ta’an immoo qe’ee isaanii irraa buqqaniiru.