Kaampaaniin Amerikaa Gaaza Ogaadeen Keessaa Qorachuuf Ehama Argate 

  • VOA

FAAYILII - Magaala duddoo naannoo Somaalee, Jigjigaa

Kaampaaniin petrooliyeemii Amerikaa kan Neezerland sewell and asooshiyetes jedhamu, kuusaa Gaazii bulchiinsa naannoo Somaalee keessaa ilaaluuf akkasumas dinagdee bulchiinsa sana keessaa miijanuuf ifatti ehama argatee jira.

Dirreen Gaaza qaba jedhamu Kalub fi Hilaalaan kan Ogaadeen keesssaa kuufama Gaazii akkasumas dhangala’aa isatti hidhatan qaba jedhamee amanama.

Bara 2013 kaasee kaampaaniin Chaayinaa naannoo sanatti sochii invastmeentii gochaa jiran.Kaampaaniin Amerikaa ministeera Albuudaa fi Eneerjii kan Itiyoophiyaa wajjiin har’a mallatteesse. Ambaasaaddar Treesii Jaakabsan Itiyoophiyaatti hoggantuun dhimmi diploomaasii kan Yunaaytid Istees sirna walii mallatteessuu kana irratti argamanii jir jechuun Keeneedii Abaate gabaasee jira.