Kan Jaallatee Biyya Isaa Gadhiise Ba'e Hin Jiru

  • Jaallannee Gammadaa

Kitaabni Mata duree “It is Long way “ ykn Karaa Dheeraa jedhamuun moggaafame kan seenaa baqattoota Oromoo naannoo biyyootii gaanfa Afrikaa keessaa calaqqisu akkasumas qooda jaarmayaan gargaarsa Oromoo ykn ORAn qabaataa ture ibsu gabaa irra oolee jira.

Barreessaan kitaaba kanaa Obbo Tarfaa Dibaabaa, Oromoon lafa silaa ga’uuf malee dhaqqabuuf yeroo dheeraa waan itti fudhateef jecha moggaafama kana kitaaba koof kenne jedhan.

Dararaan baqattoota Oromoo irra ga’aa jiru yeroo itti hammaataa jiru kanatti, tokkummaan ilamaan Oromoo gidduu jiru laaffachuun, daran rakkoo jiru hammeesse jedhu.

Kanaaf jecha tokkummaa uumuun waan filannoo biraa hin qabnee dha jedhu Obbo Tarfaa Dibaabaa.

Guutummaa gaaffii fi deebii kanaam MP3 tuquun dhaggefadhaa