Keellaa Meeshaa Nukleraa To’attonni Addunyaa Akka Daawwatan Kooriyaa Kaabaa Eehamte

  • VOA

Hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un kellaa ijoo sagantaa misaayila Pyongyang ennaa diigan to’attoonni sadarkaa addunyaa akka seenan walii galanii jiran.

Prezidaantiin Kooriyaa Kibaa Moon Jae-in tuuta oduuf ibsa kennaniin akka jedhanitti barri odolli Kooriyaa waraana irraa walaba taatu ga’eera jechuu dhaan Kim-n tarii xumura waggaa kanaatti Seooulitti afferuu malu.

Kooriyaan lamaan marii marsaa lammataa har’a xumuranii jiran. ministeerri ittisaa kooriyaa kibbaa Hyung-moo fi kan kooriyaa kaabaa No Kwang Chul-n mallatteefame mudama waraanaa hanqisuuf tarkaanfii dandeessisu mallatteessaniiru.