Keniyaan Lammiwwan Ishee Midhaa Irra Ga'u Akka Hubataniif Leenjii Kennaa Jirti

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Keniyaan Lammiwwan Ishee Midhaa Irra Ga'u Akka Hubataniif Leenjii Kennaa Jirti

Nomoota hojii barbaacha biyyoota giddu-galeessa bahaa deeman irratti reebicha, humnaan gudeeddii fi ajjeechaa dabalatee dhiittaan mirga namoomaa akka geggeessamu waggootaaf eega gabaasamaa turee booda, aangawoonni Keeniyaa lammiwwan isaanii hojii barbaacha giddu-galeessa bahaa deemaniif leenjii waa’ee mirga isaanii kennaa jiran.

Eega baatii Sadaasa dabree tii as, lammiiwan isaanii giddu-kaleessa bahaa, keessumaa Saawudii Arabiyaa keessatti miidhaan akkanaa irratti geggeessame yoo xiqqaate 23 tahuu dubbatu – aangawoonni Keeniyaa kun.