Kitaabonni Afaan Oromoo Haaraan Maxxanfaman

  • Tuujubee Kuussaa

Sanbata darbe jechuunis Onkoloolssa 08 bara 2011 sirni eebba kitaabota haaraa maxxanfamanii galma caffee mootummaa Oromiyaa keessatti geggeeffamee jira.

Kitaaba kana kan barreesse gaazexeessaa Kidaanuu Zelelke Ciibsaa ti. Kitaabonni kun maxxanfamuun dagaagina afaan Oromoof gumaachuu irra darbee dhaloota boriifis jajjabina ta’a kan jedhu gaazexeessaa Kidaanuun keessumaa kitaabni qoosaa gaggabaaboo jedhamu uummatichi bashannanaa aadaa waa dubbisuu akka fooyyefatu gargaaraa jedha.

Keessummaa kabajaa ta’uun galma caffee mootummaa Oromiyaatti sirna qophaa’e irratti argamuun kitaabota kana kan eebbisan hoogganaa waajjira aadaa fi turismii Oromiyaa obbo Mohammed Jiloo turan. Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.