Komiishinerri Komiishina Hooggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa Mitikkuu Kaasaa To’annaa Jala Ooluu Poolisiin Beeksise  

  • VOA

Komishinara Hoggansa Sodaa Balaa Biyyoolessaa Ityoophiyaa, Mitikkuu Kaasaa

Poolisiin Federaalaa Komishinara Hoggansa Sodaa Balaa Biyyoolessaa Ityoophiyaa, Mitikkuu Kaasaa, dhimma malaammaltummaatiin yakkuun to'annoo jala oolchuu beeksise. Akka Poolisiin Federaalaa jedhutti, Komishinarri kun abbaa qabeenyaa dhaabbata tola ooltummaa waliin ta’uun shakkamuun har’a to’annoo jala oolan.

Dhaabbata tola ooltummaa biyya keessaa kan ta’e Elshaday jedhamu gargaarsa nyaataa gurguruun maqaa kaampii buqqaatotaa Adamaa, Awaash, Hawaasaa, Injibaraa fi naannolee biyyattii biroo keessaaf walitti qabame huccuu fi maallaqa saamsuun shakkama.

Poolisiin Federaalaas Dhaabbanni tola ooltummaa Elshadaay Mitikkuu dhaaf mana bite jedhee jira. Poolisiin hojiiwwan malaammaltummaa jedhaman sun yoom akka raawwataman hin ibsine. Mitiku Kaasaan hoogganaa dhaabbata gargaarsa mootummaa yeroo dheeraaf tajaajilaa turan jechuu dhaan Kenedii Abaatee gabaaseera.