Kongoo Keessatti Dhukkubii Ibolaa Lubbuu Namaa Galaafataa Jira

  • VOA

Ripaablikii Demokraatawaa Kongoo keessatti dhukkubii Ibolaa lubbuu nama 19 galaafachuu jaarmayaan fayyaa addunyaa gabaasee jira.

Kutaa biyyatti Kaaba dhiyaa keessatti namnii 39 Ibolaana qabamuu jaarmayaam kun har’a beeksiise.Kanneen keessaa 3 hojjattoota tajaajiila eegumsa fayyaa ti.

Ministriin eegumsa fayyaa Kongoo dhukkubsattonni eessa akka jiran faana dhahuun tallaalii Ibolaa kan yaaliif jecha hojii irra jiru kennaafii jiru.

Jaarmayaan fayyaa adunyaa akka jedhutti talaaliin kun biyya Awuroopaa , Amerikaa, fi Afrikaa keessatti uummanni kuma hedduun fedhii isaaniin fudhatanii jiru.

Kanaaf dhala namaa irratti balaa inni fiduu akka hin jirre baramee jira.

Dhukkubii Iboolaa nama ykn beeleedaa qabame waliin walitti dhufeenya yoo qabaatan akkasumas dhangala’aa qaama nama ykn beeleedaalee dhukkubsatee tuquun daddabru danda’aa.