Koomishinni Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa Paarlaamaa Dha Gabaasa Dhiheessufi

Loogoo Koomishinii Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa

Mormii Oromiyaa fi gaafii eenyumma ummanni Qimaant kaasee irratti lubbuu namoota darbee, han madahee, akkasumas bayyina nama hidhamee,laalchisee itti gafatumma eennyu akka fudhatuu kara mootumma fi mormitoota yaadin kennamu addan goraa ta’uun, itti fufeera.

Dhimma kanaratti ibsaa fi gabaasa kennaaa han turan, dhabbaatoonni mirga dhala namaatii falman fi paartiileen siyaasaa, “mootummaan Itoophiyaa humna gita hin taane fayyadamee hubaatii hammataan gaheera, kanaaf immoo mootumman itti gafatamuu qaba,” jedhan.

Motummaan Itoophiyaa garuu, hubaatii gahee kana lakkoofssan lafa godhuu dhaa, gabaasa Koomishinii Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa eggaa tureera. Gabaasni kun dhuumuu fi torbban lama keessatti mana marii biyichaatii dhihaachuu dha akka qophahee han ibsan Koomishineerri dhaabichaa Dr. Addisuu G/Igzaabeer Koomishinii Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa gadi bu’ee haala jiru qorachuu fi jarjaraan oddo hin ta’in tasgabbiidhan qorannoo geggessaa turuu dubbatan.

Mootumman Itoophiyaas gama isaatiin ,beekumsa han kennu gabaasa kana ta’u ibsa tureera. Gabaasnii Koomishinii Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa kun bayyina namoota lubbun bade, han madaahanii fi hidhamanii afaan mootummaa irra dhagahuuf fala ta’a jedhamee eggama.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaabaasa sagalee