Wallistoota Oromoo: Hojiin Artii Callaqee Jireenya Uummataati

  • Namoo Daandii

Abdii Nuurasaa fi Haacaaluu Hundeessaa

Sirboonni Oromoo Yuutuubii fi sabaa-himaalee hawaasummaa adda addaatiin tamsaasaman yeroo dhihootii as kanneen mormii Oromiyaa keessatti geggeessamaa jiru deggeran hedduu of keessaa qaban. Wallistoonni walleelee mormicha deggeran bifa adda addaatiin of ibsaa jiran.

As naannawa Waashington Diisii keessatti immoo, qophiin sirbaa addaa tokko Sanbata dhufa, gaafata Bitootessa 19tti karoorfamee jira. Galiin agarsiisa kana irraa argamu, sababaa mormii Oromiyaa keessaan wal-qabatee haleellaa humnoonnni mootummaa raaw’ataniin kanneen madaawanii fi gargaarsa hin qabne gargaaruuf kan oolfamu ta’uu wallistoonni qophii kanatti hirmaatan ibsanii jiran.

Hojii isaanii fi qophii Sanbata dhufu dhihaatu kana ilaalchisnee, wallistoota qooda fudhatan keessaa Haacaaluu Hundeessaa fi Abdii Nuurasaa dubbisnee jirra. Waa’ee walleelee isaanii fi waa’ee walleelee mormii oromiyaa keessaa deggeruun ba’anii illee ni dubbatu – wallistoonni lameen.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaafii fi deebii artiistota lamaan kana wajjin godhame dhageeffadha.