Kooriyaan Kaabaa Yaalii Misaayila Baalistikaa Haaraa Geggeessite

  • VOA

Kooriyaan Kaabaa Yaalii Misaayila Baalistikaa Haaraa Geggeessite (Suuraa faayilii)

Kooriyaan kaabaa misaayila baalastikii guddicha haaraa yaaluu ishee fi hoogganaan biyyattii Kim Jong Un buufata xayyaara sadarkaa addunyaa ka biyyattii irraa ofii isaanii yaaliin misaayilaa kun akka furguggifamu isaanii mrkaneessitee jirti.

Sabaa himaaleen mootummaa Kim, jaakkeetii gogaa ufatanii misaayilichi kamisa kaleessaa buufata xayyaaraa Piyoong Yaang bakka xayyaarri irra fiigu irraa ibidda tufaa ennaa furguggifamu foddaa irraa daawwatan irra dhaabatanii mul’isaniiru.

Gabaasa jimaata ganama gabasa ba’een sabaa himaan mootummaa Kooriyaa akka jedhetti, yaaliin misaayilaa Hsasong-17 jedhamuu ittisa waraana nukleraa kooriyaa kaabaa cimsuuf qaama yaalii godhamee ti jedhee jira. Tarsiimoo meeshaa haaraan kan Kooriyaa Kaabaa, humna keenya kan tarsiimoo irra deebi’uun addunyaaf ifaa taasisa jechuun Kim maqaa dha’uu dhaan gabaasee jira.

Yaaliin misaayila baalistikaa ardii qaxaamuru kan kooriyaan kaabaa yaalte kun yeroo arfaffaaf yoo ta’u, erga bara 2017 ennaa prezidaantii Ameerikaa duaanii Doonaald Traampii fi Kim gidduutti muddamni guddaan ka’ee turee as isa duraa ti. Bara 2018 Kim, misaayila fageenya irratti furguggifamu dhaabuu isaanii labsaniiru, garuu bara 2019 keessa kan fageenya gabaabaa yaaluu itti fufan.

White House irraa ibsi ba’e akka jedhutti yaaliin misaayilaa kun, murtiiwwan gola naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa cabsuu dha, muddama hin barbaachifne uumuu dhaan nageenya naannoo balaa irra buusa jedhee jira.

Ibsi kun itti aansuun diplomaasiif balballi hin cuamne, garuu Piyoongyaang gocha jeequmsaa dhaabuu qaba jedha. Yunaayitid Isteetis biyya ofii Ameerikaa fi Ripaablikii Kooriyaa akkasumas nageenya michoota Jaapapaan mirkaneessuuf tarkaanfii barbaachisu ni fudhatti jedha ibsichi.

Golli naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa dhimma yaalii misaayilaa kana mari’achuuf jimaata har’aa kan wal ga’u ta’uu beeksisi sirnaa kan marsariitii irratti