Koromtoon Kubbaa Miilaa Addunyaa Biyya 16ti Walti Hafe, Hardha Hafuura Walti Fudhatanii Wal Irraa Oolanii,Bori Dhadhawachaa Walti Kakka'an

Gurbaa goolii Jermen eegu Maanuheel Nuheeritti goolii gurbaan Kooriyaa Kibbaa Kim Young itti galche ufi jibbaata akkana reeba

Dhani keessaa wal dhidhimsan,dhadhawachaa walti kakka'an. Okolaa keesaa galanii dhidhiibahcaa walti dacha'an. Akkuma kanaan biyya 32 keessaa 16 qoftii walti hafe.

Ardiin cuftii duula koromto kubbaa miilaa kanaa nama 23-23 walti ergatte. Afrikaan cuftii ya keessaa galte Jermenilleen qaata faana dabarte. Jermeniin Shaampiyoonaa bara 2014ti Kooriyaa Kibbaa 2-0 dhahee lafa buuse dorgommii addunyaa keessaa galche.Jermeniin waan hamtuu taate.

Afrikaan galtullee walumattuu goolii 12 galfattee keessaa yaate.Ijoolleen isii kilabii akka akkaa keessaa dorgommii tanaa jedhanii Raashiyaa dhufan taanilleen namuu garuma jirutti dachahe.

Warrii walti hafe 16n sadarkaa Dhahanii walbuusuy Knock out stage baanan kaan keessa jiran.1938

Warri dabre Faransaay, Arjentiinaa, Uraagaay, Poortugaal, Ispeen, Raashiyaa, Kirooshiyaa,Denmaarki,Meksikoo,Siwiidin, Ingilaandi, Beljiyeem, Biraazil, Siwiitzerlaandi, Jappaanii fi Koloombiyaa.

Jarii walti hafe kun bori walti kakka’a.Guyyaatti tapha lama taphatan.Bori Faransaayii fi Arjentiinaa,Uraagaayii fi Poortugaal.

Arjentiinaa fi Faransaayilleen warruma ufi jibbaatetti asi gahe.Arjentiinaa goolii Maarqoos Roojoo Naayjeriyaatti galchetti asiin gahe.

Arjentiinaa fi Faransay armaan dura maroo 4 waliin taphatanii cufaa Arjentiinaatti dabsate.Taphattootii Fransaay akak lenjisaan isaanii jedhetti fayyaa qixxee qabanii namu hinuma taphata.

Arjentiinaan ammoo Sergiyoo Aguheeroo tapha jalqabaa irratti fulaa Gonzaaloo buuftee tapachiifachuu fi dhibaachuu isii irratti yaada lama qabdi.

Uraagayaaii fi Poortugaal ammoo takkuma dorgommii kubbaa miilaa irratti walin hin taphanne.

Dorgommii kubbaa miilaa addunyaa baranaa irratti goolii 122 gale marroo 42 taphatan.Namii goolii hedduu galche kophee warqii badhaafama.

Akka ammaatti gurbaa Ingilaandi Kane Heeriitti 5 goolii shan qaba.

Kiristiyaan Ronaaldoo fi Lukaakuun ammoo goolii 4-4. Akka gareetti Uraagaayii fi Beeljiyeemitti qabxi 9 qaba Faransaay 7 kaan sunii gadi.

Korommiin kubbaa miilaa tun borii baraqqi walti jettii abbaa xaxatee keessaa galu walumaan laalla.