Magaalattiin Qulqullaa’ina Amantaa Laalibalaan Madaa Walwaraansaa irraa Dandamachuuf Tattaafachaa Jirti

  • VOA

Maanaajarii hoteela 'The Cliff',Melaak Allebelew hooteela yeroo lolli humna waraanaa mootummaa Itoophiyaa fi Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay eddutti geeggeeffametti barbaadaahee fundura dhaabbatee, Laalibalaa, Naannoo AMaaraa, Amajjii 25, 2022

Sireen namoottan sirna amantaa kabajuuf yemuu bakka sana dhaqan irraa ciisan gobifamee jira. Hoteela Kilif Eej keessatii gola nyaanii itti qophaa’utti dhiiga lafa irratii cocophetu mul’ata.

Hoteela namoonii bakkaa qulqulluu amantaa Kirstaanaa magaa Laalibalaa , daawwachuuf deemaan keesumeesaa ture lakkoofsa 18 keessa suuraan lubaa gooroo caccabe irrati fanifamee jira.

Bakkii amantichaa inni dhagaa tokko irraa soofamee tolfame bara 1978 jalqabee aduunyaa irratii beekama argatee bakka hordoftootaa amantaa Kirstaanaatiif barbaachisaa ta’eedha.

Magaalichiif jiraattonii sodaa walwaraansi mootummaa fi hidhatoonii garee Tigraay giduutti taasifamaa ture uumee irraa reefuu dandamachaa jiru.

“yemmuu haalaa gaarii duraan ture yaadduu fi waan amma caccabee lafa irraa jiruu Yemmuu ilaaltu jechaa ittiin ibsitu dhabda. Hoteelichii akka jirutti manca’eera.” jedhan Melaak Alebel hoji gageessaan hoteelichaa.

Isaan qofa miti. Hogganaan biiroo Industirii fi Inveestimentii Laalibalaa Diyaaqon Addisee Demissee hoteelonni 20 ol akka saamamani fi manca’an dubbatan.

“Televijiinii 64, firaashii 174, Ansoolaa, uffata qorraa , golgaadhaaf wanneen braa fudhataniiru” jedhan Itti gaafatamaan dhimma humna namaa hoteelaa Rohaa Birhaanu Geetuu.

Lollii mootummaa fi Umnootaa Tigraay gidduutti kan jalqabame Sadaasa bara 2020. Umnoonni Tigraayi daangaa isaanii ce’anii naannoo Amaaraa akka seenuudhaan Hagayya 5 magaala Laalibalaa too’atan.

Mudde 1 loltoonii mootummaa fi wareen isaan waliin dhaabbatan magaalicha deebisanii qabatan. ittuu yeroo dhumaatiif dhiibamanii hin ba’in loltoonii Tigraay Muddee 12 deebisanii too’atan.

Sodaan waraanaa bakka hunda jira. Magaalli badhaatuu turtee ammaa tajaajila ibsaa hin qabdu. Gamooleen hedduun saamamanii,caccabanii karaa irrati argamu.

Maatiwwaan madaa garaa isani keessatti qabatanii jiru. Turungoo Ambaayee andaara magaalaa Laalibalaa jiraatti. Loltoonni Tigraay Muddee 13 mana ishee cabsanii seenanii mucaa ishee gudeedanii, ajjeesaniiru. “qawwee garaa koo irrati akeekee , ilaali haadholiin keenyaa fi obboleewaan keenyaa du’aa jiru” naan jedhe jetti nammii wagga 37 suuqii keessa dalagdu.

Yemuu hidhatichii ishee gudeeduuf jedhu “dhukuba HIVn qaba” jetten. Isee dhiisee mucaa ishee fudhatee bahe. Maatiin bahanii duukaa bu’anii turan. Garuu moggaa karaa irratti reenfa ishee argatan. Intallii isaanii ajeefamuu ishee haati fi abbaan mirkaneessuu isaanii poolisiin himeera.

Himannaa kana irraatii maddii oduu Rooyiters deebii umnoottan Tigraay argachuu hin dandeenye. Dubbi himaan TPLF Geetachoo Raddaa , dursanii yaada kennanin, bakkeewan too’annoo isaanii jala jiran keessatti loltoonni isaanii akka siviilota irratti miidhaa hin geesisinne himanii turan.

Himannaa dirqiin gudeeduu Kanaan durattis akka jedhantti, waan akkanaa laayyootti akka hin ilaalee fi qorannaa bilisa ta’ee gaggeesuudhaaf fedhii akka qaban dubbatanii turan.