Lafa Angawootaa Hin Kunuunsine, Xaa’oo fi Sanyii Midhaanii Hin Bitne Jedhanii Hidhu

Itiyoophiyaa keessatti Jaarmayaa mormituu kan ta’e Paartiin Tokkummaa Guutummaa Itiyoophiyaa miseensonni isaa 112 gidduu kana hidhamuu beeksise.Jaarmayaan kun har’a ibsa baaseen paartiin Itiyoophiyaa bulchaa jiru miseensotaa paartii mormituu hidhaa, ajjesaa, qaama hir’isaa fi dorsiisaa akkasumas hojii irraa hari’ee qe’ee jiraatan irraas godaansisaa jira jechuun himate.

Keessumaa yeroo ammaa lammiwwan biyyattii miseensota isaa akka ta’an dirqisisuun, sana ta’uudhaa baannaan carraa hojii fi barnootaa dhorka jechuun himate.Kanaaf jecha qabsoo karaa nagaa gaggeefamutti karaa cufee sadarkaa sosso’uun hin danda’amne irra ga’ameera jedha, paartichi.

Namoota qabaman keessaa harka caalaan hidhaa keessa eega tursamanii booda akka gadhiifaman, warra mana murtiitti dhiyaatan irratti immoo himannaan dhiyaatu lafti miseensoota paartii biyya bushaa jiruu lolaa bishaniin akka hin nyaatamneef bo’oo ykn jallisii hin qonne kan jedhuu fi qarshii 1300 baastanii xaa’oo ykn sanyii midhaanii hin bitnu jettan, ka jedhu ta’uu bareessaan paartii kanaa Obbo Tasfaayee Taarikuu ibsanii jiru

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun