Lakkoobsi Koolu Galtoota Itiyoophiyaa Gama Puuntlaanditti Imalanii Heddumaataa Adeeme: Angawoota Puuntlaand

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Bulchaan naannoo Barii Yusuuf Mohamed Dhedo VOA sagantaa afaan Somaaleef akka ibsanitti koolu galtoonni guyyaa guyyaatti gamanatti yaa’an lakkoobsi isaanii ol ka’aa adeemaa jira jedhu.

baatii Ebla qofaa koolu galtoota Itiyoophiyaa gamas seenanii 9,700 yoo ta’u lakkoobsi kun baatii Waxabajjii keessa dacha ta’uu dubbatan.

Jalqaba torba kanaa halkan tokko qofaa koolu galtoonni 400 ta’an naannoo Somaaliilaand waliin wal daangessuu irraa Puuntlaandiin seenuu isaanii angawoonni galmeessuu isaanii beeksisan.

Dargaggoo Abdurahamaan jedhamu lammiin Oromoo kan Bosaasoo keessa jiru tokko as keessa taa’ee waan eeggadhu hin qabu UNHCR biraas gargaarsa argataa hin jirru waan ta’eef gara miilli na baasettan deema jedhe. .

Akkuma kana duraa koolu galtoonni kun sababaan biyyaa yaa’aniif gara Yemen booda irras gara Saaud Arabiyaatti ce’uuf jecha akka ta’e ibsameera.