Lakkoobsii Namoota Gargaarsa Barbaadanii Dabalaa Jira: Jaarmaya Gargaarsaa 

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti lakoobsii namoota gargaarsa nyaataa isaan barbaachisuu dabalee gara Miliyoona 9.4tti kan tilmaamamuu ta’u sagantaan Nyaata Addunyaa kan tokkummaa mootummootaa har’a hubachisee jira.Kunis kallattiin walitti bu’iinsa gaggeeffamaa jiruun ta’u beeksisee.

Kan walwaarsii keessatti gaggeeffamaa jiru bulchiinsii naannoo Amaaraa keessatti lakoobsii kun guddaa dabalee kanneen gargaarsa dhala namaa kan hatattamaa ka barbaadan lakkobsaan Miliyoona 3.7 dhaqqabuu ibsameera.

Biyyatti gama kaabaa keeessatti kanneen gargaarsa dhala namaa kan isaan barbaachisuu keessaa harka 80 ykn Miliyoona 7.8 kanneen ta’an lafa wal waraansii gaggeeffamuu sana duuba jiru.

Lafa wal waraansii itti gaggeeffamuu sana darbuun gargaarsii nyaataa maatiwwan barbaachisuuf dhaqqabsisuun barbaachisaa ta’u jaarmayichii hubachisee jira.

Sagantaan nyaata addunyaa marsaa ammaan Tigraay keessatti uummata Kuma 100 fi kuma 80f nyaata kan raabsee yoo ta’u, kunis uummata dhaqqabuuf barbaaduu Miliyoona 2.5 keessaa harka 7 qofa jedhee jira.

Naannoo Amaaraa keessatti marsaa ammaan gargaarsa nyaataa raabseen uummata Kuma 200 fi Kuma 20f nyaataa fi gargaarsa nyaata madaalamaa kanraabsee yoo ta’u, uummata kuma 600 fi kuma 50 tti guddisuu akka fedhu ibsee jira.

Naannoo Afaar keessatti uummata kuma 100 fi kuma 24f nyaata kan raabsee yoo ta’u kunis kanneen gargaarsa argachuu qaban kuma 500 fi kuma 34 keessaa ta’u beeksisee jira.

Gargaarsa dabalataaf maallaqnii kan isa barbaachisuu ta’uus sagantaan nyaata addunyaa beeksisee jira.