Lammiiwaan Itoophiyaa Seeraan Ala Amerikaa Seenan Jedhaman Biyyatti Deebisuuf Itti Murteessan

Kaartaa Itoophiyaa

Lammiwwaan Itoophiyaa saddeet Amerikaa gara biyyaatti deebifamuu dha akka mana hidhaa yeroo Birooward ( Broward Transitional Center),godina Filooridaa jiru keessatti hidhaa jiran beekkame.

Keeniyaa, Biraziil, Peeruu, Ekwaadoor, Kolombiyaa, Meeksikoo fi biyyooyta baayyee keessa qaxxaamuranii, beelaa fi dhadhabii imalichaa danda’uudhan, hiriyoota isaanii kan birraa du’ani gaddaa asi,Amerikaa gahuu isaani dubbatan, namoonni kun.

Namoota kana keessaa master pilaanii Finfinnee mormuudhan walqabate akka biyyaa bahe han dubbatu dargaggoon tokko Amerikaa nama isa gargaaru dhabuu irraa fi waraqaa ragaa waan hin qabneef Itoophiyaatti na deebisan jedhee.

Namoota sadeettan mana hidhaa turan keessaa lama Itoophiyaatti deebifamuu isaani fi haaluma wal fakkaatun lammiwwaan Eertiraa fi Somaalees mana hidhaa yeroo kana keessa jiran jedha.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasni sagalee kunooti