Lammiiwwan Ameerikaa Hoogganaa Qabsoo Mirga Namaa Kabajaan Yaadatan

Hoogganaa Qabsoo Mirga Namaa Martiin Luter King

Guyyaa har’aa jechuunis Amajjiin 16 guyyaa ayyaana dhaloota hoogganaa qabsoo mirga namaa kan Maartiin Luter Kiingitu as Ameerikaa keessatti kabajamee oola.

Maartiin Luuter King utuu jireenyatti jiraatan ta’ee har’a umuriin isaanii waggaa 83 guuta ture.

Maartiin Luteer Kiing hawaasichaaf akkasumas dhala namaaf gumaacha ol aanaa isaan qabaatan yeroo yaadannutti preisidentii Amerikaa hiddi dhalata Afriikaa inni jalqabaa Baraack obaamaan erga aangootti dhufanii waggoota sadii xumuraa jiran.

Ilmi Martiin Luter King Christine King Farris umurii kootti nu keessaa namni biyya keenya hoogganu ni ka’a jedhee yaadee hin beeku. Mr. Obamaan Presidantii ta’uun isaanii nuyiig gara biyya abdii keenyaa akka dhaqnetti nutti dhaga’ama jechuu isaa illee gulaalaan har’aa tuqee jira.

Seenaa dhuma Martin Luter King kana ilaalchisuun hayyuun seenaa lammii Oromoo profesor Mohamed Hassanis ibsa nuu kennanii jiran.

Guutummaa isaa MP3 tuquun dhaggeeffadha.