Lammiiwwan Meeksikoo Lama Koronaan Qabaman

  • VOA

Namoonni lama Vaayresii Koronaan qabamuu angawoonni eegumsa fayyaa Meeksikoo har’a beeksisanii jiru.

Namni dhiyeenya Xaaliyaanii daawwatee gara magaalaa Meeksikootti deebi’e tokko har’a vaayiresiin kun keessatti argamuutu gabaasame. Dhukkusataa ka biroon immoo Siinaaloolaa kan jedhamtu kutaa biyyattii gama kaabaa keessaa ta’uun ibsameera.

Biyya Laatiin Ameerikaa keessaa biyyi ka biraan vaayiresiin Koroonaa keessatti mul’ate Braazil qofaa dha. Har’a qofaa yoo xiqqaate biyyoota ka biroo shan keessatti vaayiresiin kun mul’tee jira. kanneen kunis Azerbajaan, Beelaaruus, Litweeniyaa fi Niwziilaandii fi Naayjeeriaa dha.