Keeniyaatti Namoonni Lammilee Itiyoophiyaa Seeraan Ala Isaaniin Deemaa Turan Mana Murtiitti Dhiyaatan

Chaakkoo Jiloo fi Dajanee Chaafaa yeroo Mana Murtii Makadaraa, Naayiroobiitti, Sadaasa 13, 2017tti dhiyaatan

Lammilee Itiyoophiyaa 137 seeraan ala gara Keeniyaa kan galchan jedhaman namootni lama harra mana murtee Keeniyaatti dhiyaatani. Dejenee Chaafaa fi Chaakkoo Jiloo Mana Murtii Makadaraatti dhiyaatanii, poolisiin waan raga guutuu walitti hin qabanneef beellama torbaniitiin ofirra deebifamaniiru.

Yakka kana irratti himatamaa lammaffaa kan ta’e Chaakkoo Jiloo ‘Ani Abbaa Maatii Waanin ta’eef manni murtii wabiidhaan gadi na ha dhiisu’ jechuun gaafatus Abbaan Seeraa Dhaddachichaa ‘poolisiin waan eenyummaa keessan qorataa jiruuf ammaaf wabiin isiniif hin eyyamamu jechuun didaniiru.

Gabaasa Galmoo Daawit Naayroobiidhaa erge dhaggeeffadhaa

Your browser doesn’t support HTML5

Keeniyaatti Namoonni Lammilee Itiyoophiyaa Seeraan Ala Isaaniin Deemaa Turan Mana Murtiitti Dhiyaatan