Maalii Keessatti Looltonni Ajjeefaman 

  • VOA

FAAYILL - Loltoota Faransaay Gi'oo, Maalii

Maalii gama kaabaa keessatti Dilbata kaleessaa ganama looltonni biyyatti lama ajjeefamuun ibsamee jira. Kunis maadhee looltootaa irratti kanneen duula jihaad gaggeessan haleellaa gaggeessaniin ta’u waraanni biyyatti caasaa midiyaa hawaasaa irratti labsee jira.

Gareen hidhattoota shoroorkeessotaa maadhee waraanaa isa Miafunkee keessaa barii lafaa haleeluu isaa, waraanni Maalii beeksisee jira.Haleellaa Kanaan miseensoota waraana Maalii lama kan ajjeefaman ta’u fi kanneen haleellaa banan keessaa immo 5 ajjeefamu waraanni dabalee beeksisee jira.

Wraannii Maalii walitti bu’iinsa baatii sadaasaa fi muddee dabree gaggeeffameen namnii 6 ajjeefamuu, Amajjii 5 bara 2022 eega gabaasee as inni ammaa kun isa jalqabaa ti.

Erga duula baatii Muddee dabree labsamee as, Looltoota Jihaad ajjeefamaman kurna hedduuf akkasumas maadheelee isaanii barbadaa’eef waraanni Maalii itti gaafatama fudhatee jira.