Manni-murtii Gad Aanu Dhimma Obbo Isaayyaas Daanyew Ilaalchisuun Ol Iyyannaa Galfate

Poolisiin, Manni-murtii gad-aanu dhimma Obbo Isaayyaas Daanyew-tti ilaalchisuun murtii kennetti mufachuudhaan, mana-murtii waliigalaatti oliyyannaa gaafatee jira. Abukaatoon himatamaa immoo, manichi murtii, madaalii sammmuutiin akka murtii kennu barbaannaf, jechuun iyyatan.

Akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti, Gurandhala toorba, bara 2011, manni-murtii ol’aanaan federaalaa, ramaddiin Lidetaa, dhaddachi yakkaa 10ffaan, Obbo Isaayyaas Daanyew, wabii qarshii kuma shantamaan akka hiikaman murtii dabarsee turetti mufachuudhaan, ol iyyannaa kana mana-murtii walii-galatti dhiheesse.

Shakkamtichi - Obbo Isaayyaas Daanyeew, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti, barra 2001 irraa jalqabee haga bara 2005-tti, Itiyoo-Teeleetti Daarektara damee tokkoo tahuun yeroo geggeessaa turanhitti, dhaababta alaa tokko waliin Caal-baasii dhaa ala, walii-galtee hojii mallatteessuun, hojii yakkaa adda addaa raaw’atanii jiran – jedhamuun himataman.

Manni-murtii dhimma isaa ilaaluuf beellama ka biraa kennee jira.