Gargaarsii Dhala Namaa Yukreen Irraa Fe’amee Itiyophiyaa Seenee Jira: UN 

  • VOA

FAAYILII - Doonii Mootummoota Gamtoomanii midhaan qarqaarsaa fe'ee Yukireen irraa gara Gaafa Afrikaa deemu

Jaarmayaan sagantaa nyaata addunyaa gargaarsa dhala namaa yeroo duraaf Yukreen irraa fe’e Itiyoophiyaa seenuu jalqabuu isaaTokkummaan mootummootaa beeksisee jira.Dubbii himaan tokkummaa mootummootaa Steefan Juriik oduu gabaastotaaf akka ibsanti gargaarsii kun uummata Miliyoonaa 1.5 kanneen sababaa caamaa fi walitti bu’iinsaan godaanaiif baatii tokkoof deggeruuf oola.

Gargaarsii kunis man- kuusaa jaarmayaa sagantaa nyaata addunyaa isa Adaamaa jiru kan dhaqqabee yoo ta’u, torbanneen dhufan keessa raabasamuuf jiru jedhu Juriik.Ta’uus garu mootummaa Fedderaalaa fi ABUT giddutti gama adda addaan wal waraansii itti fufee jira.

Faransaayitti Ambaasaddarri Itiyoophiyaa Televiziyoona biyyattiif akka ibsanti, Yeroo dubbataa jirru kanatti waraanni itiyoophiyaa humnootii ABUT kanneen gara uummata bulchiinsa naannoo Amaaraa keessa jiruutti ce’u yaalUU dura dhaabataa.

Gaaffii fi deebiin Televiziyoona Fransaayii waliin gaggeeffame fi ministeera haajaa alaa Itiyoophiyaa qoddatee kana irratti, hawaasnii addunyaa TPLF akka jecha isaanti weerara gaggeesse ittiin jedhan hin balaaleeffanne jechuun Ambaasaadarichi qeeqanii jiru.