Sodaa Guddaa Keessa Jirra – Baqataa Oromoo

  • Jaallannee Gammadaa

Haleellaa Paaris

Jimaata darbee haleellaa shoroorkeessonni magaalaa Paariis Kan Faransaayi keessatti dhaqqabsiisaniin kan ka’e addunyaan ilaalchi godaantootaaaf qabdu jijjiira sodaan jedhu jira. Prezidaantiin Faransaayii Fraanswaa Hollande nageenya biyya isaaniif akkasumas shoroorkeessoota waliin kan wal qabatee taanaan lammiwwan biyya alaa kanneen hidhata qaban hatattamaan biyyaa baafna, barbaachisaa ta’ee aragamnaan heerri biyyattiis akka jijjiramuuf yaada dhiiyeessan.

Kanneen haleellaa kana dhaqqabsiisan keessaa tokko paasportii Siriyaa kan qabu ta’uun daran haala godaantootaa rakkoo irra buusa yaaddoo jedhuu uumuu isaa baqatoonni ni dubbatu.Haallii Paariiis keessaa maala fakkaata?Gaaffii fi deebii guutuu caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii koolu galaa Paaris keessaa waliin geggeessame dhaga'aa