Ministeeronii Dhimaa Alaa G-20 Walgahii Ta’nii Jiru

  • VOA

Ministeeronii dhimmaa alaa garee biyyotan 20 ykn G-20 jedhame waamamu biyyaa xaaliyaanitti walgahii jalqabaniiruu. Waa’en dhibee koroonaa, waa’een jijjirama qileensaa fi ashuuraa midhaan nyaataa akka sumas misooma afrikaa irrati dubbatu.

Walgahiin magaala Maateeraa keesatii qaamaan taasifamu erga bara 2019 as isa jalqabaati.

"Rakina dhibee koroonaa xumuruudhaaf tajaajila talaallii hedduminaan bakka hedduutii argachuu qabna," jedhan ministeerii dhimaa ala Yunaayitid isteets Antoonii Bilimken haasaa jalqabaa walgahichaa irrati taasisaniin.

Akka Bilinken dabalanii dubbatanitii rakkinaa fayyaa adduunyaa muudateef furtuu kan ta’uu danda’u waltumsa adduunyaa hunda hirmaachiseedha .

Yunaayitid isteets gargaarsa biyyootaan galii gadi bu’aa fi walakeessaa qabaniif karaa jaarmiyaa COVAX jedhamuun gargaraa jirachuu ishee kan ibsan Bilinken biyyi Xaliyaanii wa’ee Covid 19 ijoo dubbii tasisuu isheetif galateefataniiru.

Haanga’oonii ministeera dhimma alaa yunaayitid isteets rakkina adduunyaa maraa muudatee irratii waliin ojjachuun barabaachisaa ta’uu isaa Antoonii Blinken akka cimisanii dubbatan himaniiru.