Ministerii Haajaa Alaa U.S. akka bulchoota Itoophiyaa fi TPLF ariitiin lola qabbaneessan gaafate TPLF Eertiraa loluu ammoo jabeessee morme

  • VOA

kuusaa suuraalee

Ministerii haajaa alaa U.S. Mike Pompeo waraanii TPLF lola biyya alaatiin walqabsiisuuf torbaan dabre Eertiraa loluun waan tahuu qabaatii miti jechuun jabeessee morme.

Akka TPLF fi bulchootii Itoophiyaa lola dhaabnii naga deebisanii, nama nagaa tissan gaafanna jedhe ,twitter irratti barreesse.

Embaasiin Amerika Itoophiyaa jiru.Amerikaan Tokkummaa Mootummootaallee itti dabalatee yoo dandahame lammii isii lafa lolaa jiran achii baasuuf yaala. Tahuu baannaan akka garuma jiranitti dahoo duudan itti dhaame.

Ministerii haajaa alaa Biritishitti itti aanaan haajaa alaa damee Afrikaa, James Duddridge ergaa torbaan kana Twitter irratti ergeen akka muddmasmuun Itoophiyaa keessa jirtu ariitiin dhaabattu gaafate. Waraana torbaan dabre Eeritiraa lolan jedhee fi jeequmsa Itoophiyaa keessaa jiruuf nagaa nama eegamuu qaba jedha.

Ministirii isaanii dhaabbilee gargaarsaa waliin tahee jara waraana baqate gargaaruf itti jirra jedha.