Ministriin Haajaa Alaa Yunaayitid Isteetis Gita Isaanii Kan Raashiyaa Waliin Mari'achuuf Jiru

  • VOA

Faayilii - Ministrii haajaa alaa Antonii Biliinken gita isaanii kan Raashiyaa Sergeey Laavroov waliin Siwidiin, Mudde. 2, 2021.

Ministriin haajaa alaa Antonii Biliinken gita isaanii kan Raashiyaa Sergeey Laavroov waliin kamisa har’aa wal arguuf sa’aatilee dura, ministrii dhimma alaa Yukireen Dimitroo Kuleebaa waliin ennaa wal arganitti Raashiyaan Yukireen irratti ka qabdu ejjennoo hamaa kan ittiin jedhan ilaalchisee yaaddoo qaban ibsanii jiran.

Bilinken ennaa wal ga’ii Stookoolmtti geggeessme Kuleebaaf akka himanitti, uummanni Yukireen, Yunaayitid Isteetis qabiyyee Yukireen, abbaa biyyummaa fi walabummaa isheef cicha cimaa isheen qabdu beeeku jedhan.

Kuleebaan akka jedhanitti Yukireen of qusannaa ishee itti fufti, michoonni isaanii, tarkaanfii prezidaantiin Raashiyaa gara humna waraanaatti utuu hin seenin, yeroo lama keessa deebi’anii akka yaadan taasisu akka fudhatan waamicha dhiyeessaniiru.

Bilinken kaleessa michoota NATO waliin erga wal arganii booda akka jedhanitti tarkaanfiin akkasii uggura dhinagdee cimaa kana dura hin kaa’amne ta’uu mala. Haleellaa haaraa yukireen irratti geggeessamuuf, Raahiyaan daafoo yeroo dheeraatu ishee eeggata, kanaaf rakkoo uumame kana furuuf malli tokkichi diplomaasii dha jedhaniiru. Angawaa gameessi ministrii dhimma alaa tokko tuuta oduuf ibsa kennaniin Biliinken, qabxilee kana irratti kallattiin ministrii dhimma alaa Raashiyaa waliin kamisa har’aa ennaa mari’atan irra deebi’uun ni dubbatu jedhn.

Raashiyaa fi Yukireen daangaa waliin qooddatan irratti waraana kuufatte jechuun walii walii isaanii himataa turan