Miseensa ABO fi Kan Mormitootaa Hundumaa Hidhuu Hin Dandeenyu

Mootummaan Masrii haleellaa kallattin deemsisu caalaa ergamoota isaatiin balaa inni geesisutu guddaa dha jedhu mummichi ministeera Itiyoophiyaa Mallas Zenaawwii.Gidduu kana hokkarrii fi shirri ka malateeffamaa jiru ta’uu eeruu dhaan, kanneen kanatti hirmaatan marti ka gatii isaan baasisu tahuu akeekkachisan.

Hojii shoroorkessuummaa waliin wal qabatee miseensonni Adda Bilisummaa Oromoo hedduun hidhamaniiru kan jedhan obbo Mallas miseensonni paartilee mormituus hidhamuu ibsanii jiru. Akka jecha isaantti miseensa paartii mormituu ta'uun kun, akka aguuggiitti itti gargaaramu jedhu.Miseensoota ABO ta'ee kan mormitoota hundumaa hidhuu hin dandeenyu,kana yoo goone naannoon mormitootaa callinsaan guutama sodaa jedhu qabna jedhan.Kanneen hidhaman irratti ragaa quubsaa kan mana murtii duratti dhiyaatee ittiin injifachuu dandeenyu qabna jedhan Obba Mallas Zennaawwii.MP3 tuquun dhaggefadhaa.